Ciree dura sochii qaamaa taasisuun coomni akka hin baayyanne taasisa- Qorannoo

Finfinnee, Muddee 14, 2012 (FBC) – Qorannoon tokko akka ifoomsetti ciree otuu hin nyaatin sochii qaamaa taasisuun coomni garaa keessatti akka hin baayyanne taasisa.

Ciree nyaachun dura sochii qaamaa taasisuun carraa dhukkuboota akka dhiibbaa dhiigaa, istirookii (hiddi dhiigaa sammuu cufamuu ykn dhiigni sammuu keessatti dhangala’uu), dhukkuba sukkaaraa, dhukkubbii dugdaa, furdina akka malee fi kaansariin qabamuu ni hirdhisa.

Akka qorannoon barruu ‘Sanday Briitaaniyaa’ akka muuldhisutti ciree otuu hin nyaatin sochii qaamaa taasisuun furdina akka malee ni hir’isa.

Akkasumas coomni garaa keessatti akka hin baayyannee fi  maashaan qaama keenyaa akka jabaatu, akkasumas humna gahaa akka qabaannu godha jedha.

Akka qorannoo barruu kanaatti namoonni sochii qamaa taasisan namoota sochii qaamaa hin taasifne caalaa carraan isaan dhukkuba dhiibbaa dhiigaa, sukkaaraa fi dhukkuboota kanaan walqabatuun qabamuu xiqqadha.

Ciree nyaachun dura sochii qaamaa gahaa ta’e gochuun fayyaa qaamaa fi sammuu keenyaa ni fooyyessa.

Maddi:- CNN

 

Comments (0)
Add Comment