Cheelsiin leenjisaa Toomaas Tuusheelsiin gaggeesse

Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)- Gareen Kilabii Kubbaa Miilaa Ingiliz Cheelsiin leenjisaa Toomaas Tuusheelsiin gaggeessuu beeksise.

Kilabichi tapha Shaampiyoonsi liigii Daayinaamoo Zaagreev kaleessa galgala taphatameen erga injifatameen booda leenjisicha gaggeessuu beeksiseera.

Abbaan kilabichaa haaraan Teed Boohiiliin miseensonni garee leenjistootaa kilabicha yeroof akka hogganan bakka buusaniiru.

Ga’eessi umrii 49 kilabii lixa Landan baatiiwwan 20’f leenjisaa turaniiru.

Cheelsiin dorgommii piriimerliigii Ingiliz bara kanaan jalqabbii gaariin eegaluu dhabuurra darbee taphoota liigii 16 gaggeeffamaniin 7 qofa injifachuu danda’e.

Kana malees hariiroo leenjisichi taphattootaafi miseensota boordii kilabichaa waliin qaban laafaa dhufuu ragaaleen ni argisiisu.

Abbaan qabeenyaa kilabichaas leenjisaa haaraa ramaduuf yeroo sirriin amma amantaa jedhu akka qaban kilabichi ibseera.

Tuusheel Cheelsii waliin waancaa Shaampiyoonsi liigii, Awurooppaa Suppar Kaappifi waancaa kilaboota addunyaa injifachuu danda’eera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment