Chaayinaatti manneen barnootaa Baatii 3 oliif cufamanii turan banaman

Finfinnee, Eebila 28, 2012 (FBC) – Chaayinaan Baatii sadiin booda sochii idileetti deebi’aa jiraachuu himame.
 
Chaayinaa magaalaa Huhaaniitti manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa banamaniiru jedhame.
 
Daa’immaan umriin isaanii waggaa 10 gadi ta’an garuu bara barnootaa kana gara mana barumsaatti hin deebi’an jedhame.
 
Iddooleen tajaajilaa hedduunis hojii eegaluu isaanii himameera.
 
Akka gaabaasa BBCtti Chaayinaa bulchiinsa Hubeyitti guyyoota 32’f namni haaraan vaayrasii koroonaan qabame hin jiru jedhame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment