Chaayinaatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 35 darbe

Finfinnee, Sadaasa 3, 2017 (FBC) – Kibba Chaayinaatti Konkolaachisaa dhuunfaan tokko konkolaataa qabatee bakka namoonni hedduun walitti qabamanii turan Istaadiyeemii Zuuhayi keessa lixuu hordofee balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 35 darbuu ibsamera.

Balichaan namoonni 43 ol miidhaa salphaa fi cimaaf saaxilamuu ibsameera.

Maanguddoon waggaa 62 tokko giddugala Ispoortii Zuuhay keessa konkolaalchisaa turuu fi balichaan miidhaa sukaneessan qaqqabuu Poolisiin naannawichaa himeera.

Namoonni miidhaa qaamaaf saaxilaman yaala gahaa akka argatanii fi namni dhuunfaan balicha qaqqabsiise adabbii cimaan akka adabamu Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Zyiinpiing yaadachiisuu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment