Chaayinaan Yuuwaanii miiliyoona 400 Itiyoophiyaaf deeggarsa taasisuuf waadaa galte

Finfinnee, Hagayya 30, 2016 (FBC) – Chaayinaan Piroojektoota garaagaraa raawwachiisuuf kan oolu Yuuwaanii miiliyoona 400 Itiyoophiyaaf deeggarsa taasisuuf waadaa galuu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsan.

Obbo Ahimad Shiideen Yaa’ii tumsa Chaayinaa – Afrikaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Yaa’ii tumsa Chaayinaa – Afrikaa dursee yaa’iin tumsa Diinagee Itiyoo – Chaayinaa bakka Ministirii Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing argamanitti gaggeeffamuu eeraniiru.

Hoggantoonni lamaan hariiroo tarsiimowaa hundagaleessa biyyoota lamaan caalmaatti cimsuuf waliigaluu himaniiru.

Pireezidaanti Shii Jiinpiing guddina diinagdee Itiyoophiyaan galmeessaa jirtu dinqisiifachuu dubbataniru.

Akkaataa bu’uura hammattoo biyyoota garee 20’n Itiyoophiyaaf liqaan ce’umsaa guutuun akka taasiifamu waliigalteerra gahuu hubachiisaniiru.

Dabalataan Piroojektoota garaagaraa raawwachiisuuf kan oolu Yuuwaanii miiliyoona 400 Itiyoophiyaaf deeggarsa taasisuuf waadaa galuu isaanii Obbo Ahimad Shiideen ibsaniiru.

Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment