Chaayinaan weerara vaayrasii koroonaa haaraa torban 4 keessatti to’achuu akka dandeessu ibsame

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Chaayinaan weerara vaayrasii koroonaa haaraa torban 4 keessatti to’achuu akka dandeessu ogeessi fayyaa biyyattii ibsan.

Imaammata “zeeroo kooviid” jedhamuun biyyattiin weerara vaayrasii koroonaa haaraa torban 4 keessatti to’achuu akka dandeessuu Shaangaayitti ogeessi dhibeewwan daddarboo Zhaang Weenhoong ibsaniiru.

Vaayrasii kana injifachuun dhimma yeroo ta’uu fi jeeqamuun akka hin barbaachisne ibsaniiru.

Saayintistoonni Chaayinaa gosa vaayrasii koroonaa Omikiroon jedhamurratti ariitiin deebii kennuun torban lamaa hanga sadiitti garaagarummaa vaayrasichi agarsiisu qorannoon adda baasuu ibsaniiru.

Imaammanni biyyattii Zeeroo kooviid jedhamu fayyaa hawaasa biyyattii eeguuf hojiirra olaa kan jiru ta’uu fi weerara vaayrasii koroonaa to’achuu kan ishee dandeessise ta’uu ibsameera.

Maddi:- CGTN

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment