Chaayinaan talaallii Covid afaan ykn funyaaniin fudhatamu oomishte

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC) – Chaayinaan talaallii Covid- 19 afaaniin ykn funyaaniin gara keessatti fudhatamu akka hojiirra oolu gochuun biyya jalqabaa taateerti.

Talaallii kana kan omishe dhaabbata CanSino jedhamu yoo ta’u akkuma talaallii lilmoodhan fudhatamuu qabiyyee wal fakkaataa kan qabuu fi qaamni namaa Koovid akka ofirraa ittisuuf kan barsiisudha jedhame.

Dhabbanni talaallii kana omishe talaallin ‘Convidecia Air’ jedhamu si’a tokko gara keessatti erga fudhatameen booda sirriitti dhibicha irraa nama ittisa jedheera.

Qorattoonni biroo biyyoota akka UK fi US irraa talaallii funyaan keessatti biifamu qorataa turan.

Qorattoonni akka jedhanitti gosti talaallii karaa funyaanii kennamu kun dandeetti dhibee ittisuu qaama namaa dabaluu malaa jedhu.

Sababni isaa ammoo vaayirasiin dhibee Koovidii karaa funyaani fi sirna hargansuu gara oliitin qaama seena waan ta’eefi.

Bulchiinsi Oomisha Qoricha Biyyoolessaa Chaayinaa talaalliin qilleensaan gara keessatti fudhatamu kan dhaabbata ‘CanSino’ dhaan omishamu talaallii dandeettii dhibee ittisuu dabalu ykn buustarii ta’ee akka tajaajiluuf mirkaneessee jira.

Qorannoon yaalii talaallii kanaa akka agarsiisutti namoota kanaan dura talaallii fudhataniif gaaridha jedhame.

Ammatti, sagantaan talaallii Kovidii dandeettii dhibee ittisuu dabalu ykn buustarii UK, Weelsi fi Iskootilaand keessatti eegalee jira.

Maddi:-BBC

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment