Chaayinaan Suura kaartaa Addeessaa haaraa beeksisfte

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) – Chaayinaan sadarkaa addunyaatti qulqullina olaanaa qaba kan jedhame suuraa kaartaa Addeessaa haaraa beeksifteeti.
Kaartaa ji’ooloojikaalaa iskeelii 1:2,500,000 kan ta’e, suuraa kaartaa Addeessaa turanirraa qulqullina dacha olaaana akka qabu eerameera.
Suuraa kaartaa kana qorattoonni Chaayinaa Proojektii Barbaacha Addeessaa Chaayinaa fi ragaalee dhaabbilee idil-addunyaarraa argame, argannoowwan qo’annoo irratti bu’uureffachuun suuraa kaartaa qulqullina olaanaa qabu kana ifoomsiteetti.
Suurri kaartaa kun qorannoowwan saayinsaawaa, qorannoo hawaa fi Addeessaaf bakka qubannaa filachuuf ni gumaacha jedhameera.
Suurri kaartichaa Caamsaa 30 barruulee Akkaadaamii Saayinsii Chayinaa Fi Faawundeeshinii Saayinsii Uumamaa Chaayinaatiin kan deeggaramuu Barruulee Saayinsii jedhamuu irratti maxxanfameera.
Kanaan dura Giddugalli Qorannoo Hawaa USSJS jedhamu bara faranjootaa 2020’tti suuraa kaartaa iskeelii 1:5000000 maxxansee turuu CGTN gabaaseera.
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment