Chaayinaan rakkoo Giddu Galeessa Bahaarratti Raashiyaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu ibsite

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC) – Chaayinaan waldhabdee Isiraa’eelii fi Filisxeem furuuf hariiroo Raashiyaa waliin qabdu haaromsuun qindoominaan hojjechuuf qophii ta’uu beeksiifte.

Giddu Galeessa Bahaatti ergamaan Addaa Chaayinaa Zaay Juun Baha Giddugaleessaa fi biyyoota Afrikaatti ergamaa addaa Raashiyaa waliin Kuwaatar Dohaatti mari’ataniiru.

Chaayinaa fi Raashiyaan waraana Isiraa’eelii fi Filisxeemirratti ejjennoo walfakkaataa qabaachuu marii isaaniin eeraniiru.

Rakkoo Filisxeemii fi Isiraa’eeliif ka’umsu bu’uuraa mirgi ummata Filisxeem kabajamuu dhabuu dubbataniiru.

Sababa waraana biyyoota lamaaniin miidhaa lammiilee nagaarra qaqqabeef Chaayinaan daraan gadduu eeruu ‘The Times’ gabaaseera.

Rakkoon biyyoota lamaanii mariin akka furamu Chaayinaan qooda ishee ba’uuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Zeey Juun Sanbata darbe bakka bu’oota Liigii Arabaa fi Chaayinaatti Ambaasaaddara Isiraa’eel waliin marii taasiisaniin, Chaayinaan dhimma Filisxeemirratti fedhii dhuunfaa akka hin qabne ibsanii turan.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment