Chaayinaan qorannoo maarsii irratti taasiftuu baatii Adooleessaa dhufuu ni eegalti

Finfinnee, Amajjii 19, 2012 (FBC) – Chaayinaan qorannoo saayinsaawaa maarsii irratti taasiftuu baatii Adooleessaa dhufuu akka eegaltu ifoomsitetti.

Qorannicha kan gaggeessitu saatalaayiitii Loong Maarch 5 Y 4 rookketti jedhamu garaa addeessaatti erguun ta’uu dhaabbanni qorannoo hawwaa Chaayinaa beeksiseera.

Rookkeetichi ergama isaa haalaa milkiin xumuruuf dandeetti akka qabu yaaliin mirkanaa’eera jedhame.

Saatalaayiitiin gara hawwaatti furguggiifamtu kun waa’ee plaaneetii maarsiin argannoo fi odeeffanno haaraa dhaabbatichaaf ni qaqqabsistii jedhamee eegama.

Maddi:- zhiniwaa

 

Comments (0)
Add Comment