Chaayinaan qajeelfamoota ittisa vaayrasii koroonaa hanga 2022 itti fufuufi

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2014 (FBC) – Chaayinaan qajeelfamoota ittisaa fi to’annoo vaayrasii koroonaa hanga 2022 itti hojiirra akka oolchitu beeksifteetti.

Itti aanaan qajeelcha ittisaa fi to’annoo dhukkuboota biyyatti Zhiwuu Liyaanguu konfiraansii Beejingiitti gaggeeffameerratti haasa taasisaniin, Chaayinaan  qajeelfamoota cicciimoo weerara vaayrasii koroonaa hanga 2022tti fufti jedhaniiru.

Biyyattin Onkololeessa 17 hanga Sadaasa 5tti bulchiinsota 20 keessaatti kan argaman magaaloota 40 keessaatti lammiilee vaayrasii haaraan qabaman 918 galmeessuun ishee ibsameera.

Biyyattitti lammiileen miiliyoona 20 ol ta’aan talaallii vaayrasii koroonaa kan fudhatan ta’uus ibsameera.

Daa’imman dabalatee talaallicha lammiileen hundaan ga’uuf ogeeyyiin fayyaa biyyatti hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Maddi:-CGTN

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment