Chaayinaan ogeeyyii yaala fayyaa gara Ityoophiyaatti erguufi

Finfinnee, Eebila 7,2012 (FBC) – Tattaaffii Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasiftu deeggaruuf chaayinaan ogeeyyii yaala fayyaa gara Ityoophiyaatti erguufi jedhame.

Chaayinaan dabalataan ogeeyyii kanneen gara Burkiinaafaasoottis erguuf akka ta’e ibsameera.

Ogeeyyiin yaalaa kunneen muuxxannoo yaalaa fi weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi too’achuuf qajeelfamaa fi teeknikoota dhaabbiilee fayyaaf qooduufi jedhameera.

Chaayinaan hariiroo cimaa Afrikaa waliin qabaachuu ishee kan ibsan Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa biyyattii Zihoo Liijaa’an, ardichatti weerara dhibichaa ittisuu fi to’achuuf hojiilee hojjetamaa jiran kan deeggaran ta’uu himaniiru.

Haala waliigala biyyoota Afrikaa xiyyeeffaannoon hordofaa jiraachuu dubbataniiru.

Chaayinaan meeshaalee dhibichaa ittisuu fi to’achuuf tajaajilan dhiyeessaa akka jirtus Zihoon ibsaniiru.

Maddi:-CGTN

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment