Chaayinaan liqaa dhalarraa bilisaa biyyoota Afrikaaf laatte haqxe

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Chaayinaan liqaa dhalarraa bilisaa biyyoota Afrikaaf laatte keessaa walakkaa bara Faranjootaa 2020tti deebi’uuf ture haquu ishee Preezdaant Shii Jiinpiing beeksisan.

Guyyaa kaleessaa marii yaa’ii Chaayinaa –Afrikaa hoggantoonni biyyoota Afrikaa fi Preezdaant Shii Jiinpiing irratti hirmaatan viidiyoon gaggeeffameera.

Marichi Covid-19 ittisuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, Preezdaant Shii Jiinpiing vaayrasicha ittisuuf tumsa Chaayinaa fi Afrikaa gaafataniiru.

Obboleewwan lamaan, fayyaa hawaasa isaanii ijaaruu waloon hojjechuu akka qabanis himaniiru.

Preezdaant Shii Jiinpiing weerarichaan biyyoonni Afrikaa hedduu miidhamuu isaanii kaasaniiru.

Ta’us dhaabbileen faayinaansii Chaayinaa haala biyyoonni Afrikaa liqaa argachuu itti danda’an irratti walitti dhiyeenyan akka hojjeetanis gaafataniiru.

Giddugalli Ittisa Dhukkubaa Afrikaa (CDC) waajjira olaanaa Finfinneetti akka ijaaru beeksisera.

Maddi:-BBC fi CGTN

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment