Chaayinaan lammiilee Kaaba Ityoophiyaatti buqqa’aniif deeggarsa namoomaa toonii kuma 2 ol taasiifte

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Chaayinaan lammiilee Kaaba Ityoophiyaatti sababa waraanaan buqqa’aniif midhaan nyaataa deeggarsa namoomaaf oolu Toonii kuma 2 fi 160 gumaachite.
Deeggarsi namoomaa kun lammiilee miidhamaniif raabsamaa jiraachuu Ityoophiyaatti Imbaasiin Chaayinaa beeksiiseera.
Deeggarsi namoomaa mootummaan Chaayinaa lammiilee buqqa’aniif taasiise Kaaba biyyattiitti miidhamtootaaf raabsamaa jiraachuu imbaasichi ibsa miidiyaaleef laateen himeera.
Lammiilee miidhaa hamaaf saaxilamaniif Chaayinaan deeggarsa namoomaa ariifachiisaa toonii kuma 2 fi 160 taasiisuu eerameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment