Chaayinaan kuufama gaaziifi boba’aa guddaa argachuu beeksiste

Finfinnee, Guraandhala 25, 2015(FBC)- Chaayinaan kuufama gaaziifi boba’aa guddaa ta’e argachuu beeksisteetti.

Kuufamni gaaziifi boba’aa kun naannawaa maddisiisa boba’aa Boozhoong 26-6 jedhamutti ta’uu Korporeeshiniin boba’aafi gaazii biyyattii beeksiseera.

Bakka kuufamni gaaziifi boba’aa itti argame kun bakka kuufamni boba’aa itti argamu isa 3ffaa ta’uu RTn gabaaseera.

Bakkichatti kuufamni boba’aa toonii miiliyoonni 100 argamuufi yaalii boba’icha baasuuf taasifameen boba’aan hin calalamne baarmeelli kumni 2fi 40 argamuu korporeeshinichi beekiseera.
#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment