Chaayinaan Ityoophiyaan birmadummaa fi walabummaa ishee eeguuf tattaaffii taasiftuu akka deeggartu ibsite

Finfinnee, Hagayya 20, 2013 (FBC)- Chaayinaan Ityoophiyaan birmadummaa fi walabummaa ishee eeguuf tattaaffii taasiftuu akka deeggartu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Yaan Yzoo ibsaniiru.

Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimmaa Alaa obbo Dammaqaa Makoonniinii fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Yaan Yzoo waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Marii isaaniin hariiroo biyyoota lamaanii fi dhimmoota biroorratti xiyyeeffataniiru.

Wayita kanaattis Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Yaan Yzoo biyyi isaanii Ityoophiyaan birmadummaa fi walabummaa ishee eeguuf tattaaffii taasiftu akka deeggartu ibsaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa dhimmoota keessoo sirnaan qabuuf dandeetti akka qabu kan amanaan ta’uu ibsaniiru.

Beejiingiis nageenyi Ityoophiyaa akka buu’uu, misoomaa fi badhaadhinaashee mirkaneessuuf tattaaffii taasiftuu ni deeggarti jedhaniiru.

Ministirichi biyyisanii Ityoophiyaa waliin tumsaa waltajjii idil addunyaa taasiftuu cimsitee kan itti fuftuu ta’uu ibsuusanii CGTN gabaasera.

Obbo Dammaqaan gama isaaniin, Chaayinaan Ityoophiyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tumsa taasiftuuf galateeffataniiru.

Ityoophiyaan imaammataa hunda galeessaa Ityoo Chaayinaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf eejjennoo qabachuushee ibsaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment