Chaayinaan hojiilee deebisanii ijaaruu Ityoophiyaa akka deeggartu ibsite

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)-Chaayinaan hojiilee deebisanii ijaaruu fi deebisanii dandamachiisuu mootummaan Itoophiyaa gaggeessaa jiru akka deeggartu beeksiste.

Dubbi Himtuun Dhimma Alaa Chaayinaa Maa’oo Niingi, haala yeroo irratti ibsa kennaniin, Ityoophiyaa keessatti walitti bu’iinsi xumuramee adeemsi nagaa eegalamuu eeraniiru.

Kunis waldhabdee fedhiiwwan gidduu jiru walitti araarsuu fi mariidhaan, tokkummaa mirkaneessuuf tarkaanfii jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Bu’aan adeemsa nagaan fedhii fi injifannoowwan ityoophiyaanotaati kan jedhan Maa’oo Niingi maqaa mootummaa Chaayinaan lammiilee Ityoophiyaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Nageenyi fi tasgabbiin Ityoophiyaa nageenyaa fi tasgabbii waaraa naannawaa Gaanfa Afrikaatiif bu’aa olaanaa qab jechuu isanii Zhinwaan gabaaseera.

Maa’oo Niingi, filmaatawwan garagaraa Ityoophiyaan tokkummaa bulchiinsaa fi birmadummaa ishee kabachiisuuf fudhattu Chaayinaan cimsitee akka deeggartu dubbataniiru.

Chaayinaan marii Ityoophiyaa keessatti nageenya waaraa mirkaneessuuf taasifamaa jiru ija gaariin akka ilaaltuu fi walhubannoo irra ga’uuf tattaaffii taasifamaa ture deeggaraa akka turte hubachiisaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad qooda fudhattootaa waliigaltee nageenyaaf beekamtii kennuun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment