Chaayinaan hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Caamsaa 12, 2016 (FBC) – Chaayinaan Waltajjiiwwan naannawaa fi idil addunyaarratti tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsite.
Itiyoophiyaatti Dubbii Himaan Embaasii Chaayinaa Faan Yoong, hariiroo dhimma alaa Chaayinaa, imaammataa, haala waqtaawaa idil addunyaa fi tumsa Itiyoo – Chaayinaa ilaalchisee ibsa kanneera.
Biyyoonni lamaan eegumsa naannoo fi milkaa’ina galmoota Misooma waaraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti gahee ijoo bahachaa jiraachuu kaasaniiru.
Siyaasa addunyaa saffisaan jijjiiramaa jiru keessatti Chaayinaan qajeeltoo nageenyaa fi tasgabbii cimsitee kan itti fuftu ta’uu eeraniiru.
Chaayinaan imaammata dhimma alaa isheen nageenyaa fi guddinaaf murannoo cimaa qabaachuu eeraniiru.
Gahee guddina diinagdee addunyaa keessatti qabdu cimsitee itti fufuun qabeenya addunyaa walitti hidhuuf Inisheetiivii ‘Belt and Road’ jedhaman diriirsuu ishee himaniiru.
Yaa’iin Inisheetiivii ‘Belt and Road’ tibba darbe Chaayinaatti gaggeeffamee fi Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad itti hirmaatan yaadama misoomaa idil-addunyaaf agarsiiftuu ta’uu eeraniiru.
Chaayinaan hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdu ijaarsa dandeettii fi bu’uuraalee misoomaan agarsiisaa jiraachuu himaniiru.
Akkasumas hariiroon biyyoota Afrikaa waliin qabdu qajeeltoo walkabajuuratti kan bu’ureeffame ta’uu dubbataniiru.
Misikkir Sinaafiqitu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment