Chaayinaan hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufti – Ambaasaaddar Zhaa’oo Zhiiyuu’aan

Finfinnee, Adoolessa 24, 2016 (FBC)- Chaayinaan hariiroo Itiyoophiyaa fi biyyoota Afrikaa biroo waliin qabdu cimstee itti fufti jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zhaa’oo Zhiiyuu’aan .

Guyyaan hundeeffama waggaa 97ffaa Waraanaa Ummataa Chaayinaa bakka Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa fi qondaaltoonni Mootummaa Fedeeraala argamanitti kabajameera.

Saganticharratti Ambaasaaddar Zhaa’oo Zhiiyuu’aan haasawaa taasisaaniin, Chaayinaan misooma,nageenyaa fi Badhaadhinaa Itiyoophiyaaf kan hojjettuu ta’uu ibsaniiru.

Carraalee fayyadamuun qormaatiilee ce’uuf Itiyoophiyaa fi biyyoota Afrikaa biroo waliin tumsaan kan hojjetan ta’uus himaniiru.

Yaa’ii Afrikaa –Chaayinaa Baatii Fulbaana gaggeeffamuufis bu’uura kan kaa’u ta’uus hubachiisaniiru.

Afawarqi Iyyaayyutu gabaase.

#Oromia Ethiopia

Comments (0)
Add Comment