Chaayinaan Gamtaan Afrikaa miseensa walga’ii biyyoota garee 20 akka ta’u deeggarsa kan taasiiftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Sadaasa 8, 2015 (FBC) – Chaayinaan Gamtaan Afrikaa miseensa walga’ii biyyoota garee 20 akka ta’u deeggarsa kan taasiiftu ta’uu Pireezidaantiin biyyattii Shii Jiinpiing ibsaniiru.

Pireezidaanti Shii Jiinpiing yaa’ii biyyoota miseensa garee 20 Indooneezhiyaatti gaggeeffamaa jirurratti ejjennoo biyya isaanii ifoomsaniiru.

Walga’iin biyyoota garee 20 addunyaarratti biyyoota diinagdeen adda duree ta’an kan hammate yoo ta’u, Gamtaan Awurooppaa miseensa dhaabbataa walga’ichaati.

Walga’ichi ummata addunyaa % 60, Diinagdee % 80 fi daldala Alaa % 75 uwwisa jedhame.

Yaa ta’uutii Afrikaa Kibbaa qofatu biyyoota Afrikaa bakka bu’a.

Yaa’ii Indooneezhiyaatti gaggeeffamerratti Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan biyyoonni miseensa garee 20 gamtaa Afrikaa miseensa dhaabbiin akka fudhatu waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment