Chaayinaan ergaa gammachuu Ityoophiyaaf dabarsite

Finfinnee, Hagayya 18, 2015 (FBC)- Mootummaan Chaayinaa Miseensaa BRICS ta’uu Ityoophiyaan ergaa baga gammaddanii dabarse.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Za’oo Zhiyu’aan Ityoophiyaan miseensaa BRICS ta’uu kan simatanii fi ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Embaasichi Ibsa FBC’f ergeen Mootummaan Chaayinaan yoomiyyuu ‘BRICS’ jalatti walta’iinsa Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuuf qophii ta’uu ibseera.

Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin Piing yaa’icharratti, ‘BRICS’ saffisaan akka babal’atuu fi bulchiinsi addunyaa madaaalawaa akka ta’uuf biyyoota biroos miseensummaan kan simatan ta’uu ibsaniiru.

BRICS guyyaa har’aa Ityoophiyaa dabalatee biyyoota ja’a miseensummaan simachuun raggaasiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment