Chaayinaan dubartii weerara vaayrasii koroonaa Wuhaan gabaaste hidhaa waggaa afuriin adabde

Finfinnee, Muddee 19, 2013 (FBC) – Chaayinaan dubartii weerara vaayrasii koroonaa Wuhaan gabaaste hidhaa waggaa afuriin adabde.
Zhang Zyan ‘jeequmsa kakastee’jedhamuun himatamte.
Dubartiin umrii 37 duraan ogeettii seera turte Zhang ji’a Caamsaa darbe keessa qabamte erga hidhamtee as ji’ootaaf lagannaa nyaatarra jirti.
Murteen hidhaa kun wayita itti murame aadde Zhang gadduun jeeqamaa akka turte abukaatoon ishee Aab Riin jedhamu AFP tti himeera.
Abukaatonni ishee dhukkubsataa akka jirtu kan himan yoo ta’u, Zhang namoota Wuhaanirraa dhimma weerara dhibee gabaasuun isaaniif muddama keessa seenan keessa jirti.
Chaayinaa keessa miidiyaaleen walabaa hin jiran, Qondaaltonni biyyattii rogeeyyii fi namoota odeeffannoo kennan mootummaan dhibee to’achuuf deebii kenne akka jeeqanitti ilaalu.
Aadde Zhang hidhamuun dura af-gaaffii taasifte tokkorratti akka himtetti, Wuhaanitti ji’a Onkololeessa jalqaba bara kanatti imaluun ,waan daandiirraa fi hospitaalatti argite galmeessaa, kallattiin tamsaasaa turte.
Gabaasni isheen dhiyeessite miidiyaalee hawaasarratti heddumminaan qoodamaa ture.
Gartuun neetiwoorkii Chaayinaatti mirga namoomaaf dhaabbatanii akka ibsetti, Zhang waa’ee gaazexeessitoota walabaa gabaasa ishee keessatti ibsitee turte jedhe.
Zhang Caamsaa darbe kana Shaangaayitti poolisiin to’atamte.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment