Chaayinaan deeggarsa talaallii Covid -19f taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Hagayya 4, 2013 (FBC) – Chaayinaan Ityoophiyaa dabalatee biyyoota garaagaraaf deeggarsa talaallii Covid -19f taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu beeksiifte.
Waltajjiin jalqabaa tumsa talaallii Covid -19 Viidiyoo konferansiin kan gaggeeffame yoo ta’u, waltajjii kanarratti Preezdaantiin Chaayinaa Zyii Jiinpiing haasawa taasiisaniiru.
Weerarri vaayrasii koroonaa ammaas babal’achaa jiraachuu Preezdaant Zyii Jiinpiing dubbataniiru.
Chaayinaan Talaallicha biyyoota addunyaaf keessattuu biyyoota giddinarra jiraniif deeggarsa taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.
Chaayinaan biyyoonni guddinarra jiran vaayrasicha akka dandamataniif waan dandeessu hundaan deeggarsa taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu dubbataniiru.
Dabalataan dhaabbata talaallii Covid -19 (COVAX)f Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 deeggarsa taasiisuuf ni hojjetti jedhan.
Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yuu gama isaaniin Chaayinaan hanga ammaatti biyyoota 100 caalaniif deeggarsa talaallii Covid -19 taasiisuu ibsaniiru.
Talaallii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 70 ol biyyoota 60f erguu dubbataniiru.
Deeggarsi talaallichaa Chaayinaan Ityoophiyaaf taasiistu baatii Hagayyaa Finfinnee kan galu ta’uu ragaan Chaayinaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment