Chaayinaan deeggarsa misooma tuuriizimii Afrikaa akka cimsitu gaafatame

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Qabeenya tuurizimii biyyoota Afriikaa misoomsuuf tattaffii gama maraan taasisaniif chaayinaan deeggarsa taasistu cimsitee akka itti fuftu waamichi dhiyaate.

Embaasiin Ityooophiyaa, Yaa’ii Misoomaa fi Walta’iinsa Tuuriizimii Idil Addunyaa Chaayinaa Magaalaa Beejiingiitti gaggeeffamerratti hirmaateera.

Chaayinaatti Ambaasaddarrii Ityoophiyaa Tashoomaa Togaan yaa’icharratti, hambaalee seena qabeeyyii fi uumamaa akkasumas bakkeewwan hawata tuuriizimii Ityoophiyaa beeksisaniiru.

Akkasumas, yeroo ammaa mootummaan bakkeewwan hawata tuuriizimii haaraa babal’isuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu hubachiisanii, tuuristoonni Chaayinaas Ityoophiyaa akka daawwatan waamicha dhiyeessaniiru.

Kanaafis, Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Magaalota Chaayinaa shanitti balalii eegaluun haala mijataa uumeera ibsuu isaanii ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.

Biyyoonni Afrikaa qabeenya tuuriizimii isaanii misoomsuuf tattaffii gama maraa taasisan mootumaan Chaayinaa deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment