Chaayinaan damee fayyaan Ityoophiyaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu beeksiste

Finfinnee, Eebila 3, 2014 (FBC) – Chaayinaan damee fayyaan Ityoophiyaa waliin hojjechuu fi deeggarsa barbaachisaa taasisuuf qophii ta’uu beeksisteerti.

Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan Daayrektara Giddugala Ittisaa fi To’annoo Dhibeewwanii Chaayinaa (CDC) Guu Fuu waliin gama viidiyoo Konfiransiin mari’ataniiru.

Mariisaniin haala biyyoonni lameen ittisaa fi to’annoo dhibeewwanii irratti waliin hojjechuu danda’an irratti mari’achuu ibsameera.

Tumsa biyyoonni lameen gama fayyaan taasisan guddisuuf biyyoota lameen bira fedhiin jiraachuu Ambaasaaddar Tashoomaan ibsaniiru.

Giddugalli Ittisaa fi To’annoo Dhibeewwanii Chaayinaa (CDC) dhaabbilee fayyaa Ityoophiyaa waliin gama ijaarsa humna namaan, qorannoo fi qo’annoon, invastimantii damee faarmaasiyutikaalaanii fi gama teeknooloojii fayyaan akka waliin hojjetan gaafataniiru.

Dabalataanis dhaabbilee fayyaa kaaba Ityoophiyaatti waraanaan miidhamaniif deeggarsa qorichaa fi meeshaalee fayyaa akka taasisan gaafataniiru.

Daayrektarri giddugalichaa Guu Fuun gamasaaniin Chaayinaa fi Ityoophiyaan damee fayyaan biyyoota hariiroo cimaa qaban ta’uu kaasuun, damichaa fi dhimmoota biroorratti Ityoophiyaa waliin hojjechuu fi deeggarsa barbaachisu taasisuuf qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan Chaayinaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment