Chaayinaan biyyoota Gaanfa Afrikaatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa nyaataa aarifachiisa akka taasiftu ibsite

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC)- Chaayinaan biyyoota Gaanfa Afrikaatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa nyaataa aarifachiisa akka taasiftu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa biyyatti Waang Yoo ibsaniiru.

Ministirichi gita isaanii Somaaliyaa Musee Alii waliin marii bilbilaan taasisaniin akka ibsanitti, Chaayinaan biyyoota hongeen miidhamaniif deeggarsa kan taasiftu ta’u himaniiru.

Ityoophiyaa, Ertiraa, Somaaliyaa fi Jibuutiin biyyoota deeggarsi taasifamuuf keessaa isaan tokko ta’uus himaniiru.

Chaayinaan biyyoota naannoo waliin hariiroon taasiftuu sadarkaa olaanaatti ceesisuuf ergamaa adda ramaduun gara hojiitti galchuushee himaniiru.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment