Chaayinaan biyyoota Afriikaa sadi keessatti ‘buufata waraanaa ijaarrachuuf

Finfinnee,  Qaammee 2, 2012(FBC)- Chaayinaan biyyoota Afriikaa sadi keessatti ‘buufata waraanaa ijaarrachuuf’

Peentaagoon karoora waggaa, damee waraanaa Chaayinaa ilaalchisuun torbee kana keessa baaseen, Keeniyaa, Taanzaaniyaa fi Angoolaan biyyoota hedduu Chaayinaan feetu keessaa isaan ijoodha, jechuun barruun dhimma humna ittisaa gabaasu barreesse.

Mootummoonni biyyoota sadeenii haga yoonaa dhimma kanarratti homaa hin jenne.

Gabaasa ba’e kanaan walqabatee kanneen odeeffamaa jiran keessaa tokko biyyoonni Chaayinaan filatte dhimmicharratti mari’achuu akka didaniidha.

Chaayinaan durumaanuu buufata humna waraanaa Jibuutiidhaa kan qabdu yoo ta’u, humna galaanarraa, qilleensaa fi lafoo daangaa biyyootaa ceetee cimsachuuf buufataalee dabalataa barbaaddi.

Chaayinaan biyyoota akka Miyaanmaar, Taayilaand, Singaappoor, Indooneezhiyaa, Paakistaan, Sirii Laankaa, Yuunaayitid Arab Imireetis (UAE), Seeyishels, Taajikistaan keessattis karoora kana qabdi.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment