Chaayinaan barattoota Ityoophiyaa 100 oliif carraa barnoota bilisaa laatte

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015(FBC)- Chaayinaan barattoota Ityoophiyaa 100 oliif carraa barnoota bilisaa kennuu ibsame.

Carraan barnootaa kenname kun qaama “Chaayinaa- Ityoophiyaa Fireendishiip Iskoolaarshiip” waggoottan shan dura eegalamee ta’uu eerameera.

Carraan barnootaa kun kan laatame barattoota digirii jalqabaa 80, barattoota digirii 3ffaa 6, barattoota afaan Chaayinaa baratan 18, iskoolaarshiippii piroojektii barattoota infoormeeshin teekinooloojii 12, fi barataa 1’f carraa deeggarsa qorannoo ta’uu ibsameera.

Carrichi barattoota Yuunivarsiitii Finfinneef barachaa jiraniif laatamuu addeeffameera.

Carraan barnootaa kun waliigalaan Birrii miiliyoona 2.19 kan baasu ta’uu ibsameera.

Mootummaan Chaayinaa tumsa damee qorannoofi qo’annoo barnootaa Ityoophiyaa waliin qabu cimsee kan itti fufu ta’uu eeramuu TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment