Finfinnee, Muddee 22, 2012 (FBC) – Chaayinaan baabura saffisaa fi ammayyaa’aa addunyaaf kan jalqabaa ta’e tajaajilarra oolchite.
Chaayinaan Doolaara biiliyoona 9n hojjettee kan dhiyeessite, baabura saffisaa fi ammayyaa’aa addunyaaf kan jalqabaa ta’e tajaajila laachuu eegale.
Baaburichi konkolaachisaa malee ofiin isa imalu yoo ta’u, tajaajilli intarneetii 5G itti tolfameera.
Sa’aatii tokkotti fageenyaa kiilo meetra 350 imaluu akka danda’u kan himameef baaburri kun humna elektiriikii funyoo malee qaba jedhameera.
Ogeessonni Chaayinaa baaburichi ammayyaa’aa fi saffisa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Proojaktiin Baabura saffisaa Jiing Zhiing kiilo meetra 174 uwwisuu fi bakkeewwan dhaabbii 10 qabu ijaarsa waggoota 10 boodde kaleessa gara hojiitti galeera.
Maddi:- Daylii Meeyl