Chaayinaan Aljeeriyaatti Doolaara biiliyoona 36’n hojii invastimaantii gaggeessuufi

Finfinnee, Adoolessa 13, 2015 (FBC)-Chaayinaan Aljeeriyatti hojiilee invastimantii garaagaraa Doolaara biiliyoona 36’n gaggeessuuf ta’uun ibsame.

Biyyattiin dameewwan maanufakcheeringi, teeknooloojiiwwaan haaraa, geejjiba, qonnaa fi hojiilee biroorratti boba’uuf ta’uu Chaayinaatti daawwanaa hojii taasisa kan jiran Pireezidaantiin Aljeeriyaa Abdalmajiid Taabunee ibsaniiru.

Dhalattoota Aljeeriyaa Chaayinaa jiran waliin marii kan taasisan Pireezidaantiin Aljeeriyaa, waliigalteen pirojektii Chaayinaa waliin taasifamee isa olaanaa fi biyyoota lameen fayyadamoo kan taasisuudha jedhan.

Aljeeriyaan hariiroo dinaagdee Chaayinaa waliin qabdu guddisuuf fedhii qabaachuu eeruun, kana milkeessuuf hojiileen garagaraa kan hojjetaman ta’uu ibsuu “New Arab” gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment