Chaayinaan alatti dhukkubsatan vaayrasi koroonaan lubbuun darbe

Finfinnee, Amajjii 24, 2012 (FBC) – Chaayinaan alatti dhukkubsatan vaayrasi koroonaan lubbuun darbe.

Chaayinaan alatti duutii jalqabaa vaayrasi Koroonaa mudateen Filippiinsi keessatti mirkanaa’eera.

Dhukkubsataan lammii Chaayinaa kan umuriin waggaa 40 ta’e erga Wuhaan kan bulchiinsa Hubee biyya Chaayinaa bakka weerarri vaayirasii kanaa yeroo jalqabaatiif itti mul’ate irraa dhufeedha kan amma du’uun gabaafame kun.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedheettis, namni kuni osoo gara Filippiinsi hindhufiin dura kan vaayrasiichaaf saaxilameedha.

Hanga ammaattis namoonni 300 ol kan dhibee kanaan du’an yoo ta’u, baayyeen isaanis Wuhaan irraayi jedhameera. Kanneen 14,000 ol ta’an ammoo vaayrasichaan faalamaniiru.

Biyyoonni akka Ameerikaa, Awusitiraaliyaa fi kanneen biroos lammiilee Chaayinaarraa gara isaaniitti imalan kan dhorkaa jiran yoo ta’u, lammiilee isaanii Chaayinaarraa dhufan irratti ammoo qorannoo gaggeessaa jiru.

Namni kunis dubartii umuriin ishee waggaa 38 taate waliin Wuhaan irraa karaa Hong Koongiin gara Filippiinsi dhaqusaanii Qajeelchii Fayyaa Filippiinsi beeksiisee.

Maddi:- BBC

Comments (0)
Add Comment