Chaayinaa fi Raashiyaan waloon shaakala loltummaa gaggeessuu eegalan

Finfinnee, Adoolessa 10, 2016 (FBC)- Chaayinaa fi Raashiyaan qarqaraa Galaana Chaayinaa Kibbaatti shaakala loltummaa waloo gaggeessuu eegaluun ibsame.

Biyyoonni lameen qoqqobbii Ameerikaan biyyoota lameenirra keesse hordofee hariiroo loltummaa fi daldalaa isaanii cimsaniiru.

Sirni baniinsa shaakalichaa buufata Doonii Chaayinaa Zhaanjiyaangitti eegaluu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Raashiyaa fuula Teeleegiraamii isaaniin ibsaniiru.

Humni galaanaa biyyaatti shaakala ittisaa qilleensaa fi farra doonii bishaan jalaa Chaayinaa waliin gaggeessuu beeksisaniiru.

Shaakala guyyoota sadiif turuun biyyoonni lameen tokkon tokkoon isaanii yoo xiqqaatee dooniiwwan sadii bobbaasuu Gaazexaan ‘Global Times’ Humna Galaanaa Chaayinaa wabeeffachuun gabaaseera.

Shaakalichi sodaa nageenyaa galanaarraa hir’isuuf waloon deebii kennuuf gargaara jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment