Chaayinaa fi Faransaay dhiibbaa idaa biyyoota guddinarra jiranii hir’isuuf waloon hojjechuufi

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC) – Chaayinaa fi Faransaay dhiibbaa idaa biyyoota guddinarra jiranii hir’isuuf waloon hojjechuufi walii galuu ibsameera.
Chaayinaa fi Faransaay waltajjii idilee waloon gaggeessaniin tumsa misooma diinagdee Eeggumsa naannoof mijataa taasiisuu, Biyyoota guddinarra jiran deeggarsuu fi weerara dhibee Covid -19 waliin ittisuuf walii galaniiru.
Dhiibbaa idaa biyyoota guddinarra jiranii hir’isuuf waloon kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Biyyoonni lamaan biyyoota guddinarra jiran deeggaruuf hojiin hojjetan bu’aa olaanaa galmeessuun waltajjii Interneetiin gaggeeffameerratti ibsameera.
Waltajjii 8ffaa diinagdee olanaa fi faayinaansii biyyoota lamaanii kana Itti aanaan Muummee Ministiraa Chaayinaa Huu Chuunwaa fi Ministirri Qabeenya diinagdee fi Faayinaansii Faransaay Biruunoo Lameereen dursaniiru.
Hoggansa cimaa hoggantoota biyyoota lamaaniin hojiin waloon hojjetamu guddina gaarii agarsiisuu Itti aanaan Muummee Ministiraa Chaayinaa Huu Chuunwaan ibsaniiru.
Biyyoonni lameen dhimmoota murteessoo ta’an garaagaraa fi faayidamummaa waloo mirkaneessarratti tumsaan hojjechuuf qophaa’uu isaanii hubachiinsaniiru.
Faransaay hariiroo biyyoota lamaaniif iddoo olaanaa kan laattu ta’uu fi Faransaay Chaayinaa waliin dhimmoota diinagdee fi Faayinaansirratti hariiroo qabdu daraan cimsuuf fedhii qabaachuu Ministirri Qabeenya diinagdee fi Faayinaansii Faransaay Biruunoo Lameereen dubbataniiru.
Qabeenya jijjiirrama qilleensaa, Eegumsa lubbuu qabeeyyii fi dandala adduntaa fooyyessuu dabalatee dhimmoota murteessoo ta’anirrattu waloon hojechuuf qophii ta’uu isaanii himaniiru.
Maddi:-CGTN
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment