Chaappawwanii fi Gabateewwan konkolaattootaa karaa seeraan alaa qophaa’e to’atame

Finfinnee, Bitootessa 10, 2014 (FBC) – Magaalaa Mattuutti Chaappawwanii fi Gabateewwan konkolaattootaa maqaa dhaabbileen karaa seeraan alaa qophaa’e mana jireenyaa nama dhuunfaatti kuufamee argame to’atamuu Poolisiin beeksiise.

Eeruu ummataa bu’uura godhachuun sakattoo tasa taasiifameen shakkamaan kun to’atamuu Dursaan garee Diiviizhiinii qorannoo yakkaa Waajjira Poolisii magaalaa Mattuu Saajiin Kidaanuu Zawdeen ibsaniiru.

Chaappawwan sobaa 33 fi lakkoofsi gabatee konkolaattootaa 21 mana jireenyaa kana keessaa argamuu dubbataniiru.

Shakkamaan to’annoo jala ooluun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu Saajin Kidaanuun kaasaniuru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment