Chaappaawwan maqaa hoggantootaa qabanii fi meeshaaleen yakki ittiin raawwatamaa turan to’ataman

Finfinnee, Mudde 30, 2016 (FBC)- Chaappaawwan sobaa maqaa hoggantoota wajjiraalee dabalatee meeshaaleen yakki ittiin raawwatamaa turan to’atamaniiru.

Poolisiin Federaalaa fi Poolisiin Magaalaa Finfinnee oppireeshinii 4ffaaf gaggeessaniin shakkamtoota to’annoo jala oolchuu ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Ibsichaanis dhaabbileen poolisii kunneen torbanoota sadeen darban bu’aa oppireeshinii qindaa’aa gaggeessanii dhiyeessaniiru.

Bu’uuruma kanaan oppireeshinii gaggeeffamaniin galmeewwan 728 gurmaa’uun ibsameera.

Oppireeshinichaan Kutaa Magaalaa Araadatti manneen sanada sobaa maxxansan argamuu fi chaappaawwan maqaa hoggantoota waajjiraalee qaban 502, manneen shiishaa 85 akkasumas meeshaaleen tapha jirraa 925 argamuun eerameera.

Yakka saamichaan walqabatee konkolaachistoota ajjeesuun konkolaattootaa saamaman 2 to’atamuun abbootii qabeenyaaf deebifamuun ibsameera.

Dabalataan Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti mana namoota dhuunfaa kireeffachuun siimkaardiiwwan 130’n bilbiloota garaagaraatti bilbiluun yakkaa burjaajii uumuu raawwachaa kan turan namoonni lama to’annoo jala oolfamuun himameera.

Dabalataan Doolaara sobaa kuma 3 fi 784, Birrii sobaa kuma 162 ol akkasumas noottiiwwan maallaqa sobaa biyyoota garaagaraa to’atamaniiru.

Kana malees, Kutaa Magaalaa Laaftootti meeshaaleen kontirobaandii, shugguxii 10, kompiwutarootaa fi taableetiiwwan 39, meeshalee konkolaattotaa kuma 1fi 835, moobaayiloota 949 fi televiizhiniiwwan 45 to’atamuun eerameera.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment