Chaansilarri Jarman Olaaf Shooliz Finfinnee galan

Finfinnee, Eebla 26, 2015 (FBC) – Chaansilarri Jarman Olaaf Shooliz daawwannaa hojii guyyoota lamaaf biyyoota Afrikaatti taasiisaniif Finfinnee galaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun Olaaf Shooliziif simannaa taasiisaniiru.

Jilli Olaaf Shooliziin durfamu kun hoggantoota mootummaa olaanoo, Abbootii Qabeenyaa fi hoggantoota dhaabbilee gurguddoo kan of keessatti hamate ta’uu eerameera.

Jilli kun har’aa eegalee hanga Sambata dhufuutti Ityoophiyaa fi Keeniyaatti daawwannaa hojii ni taasiisaan eegama.

Chaansilarri Jarman Olaaf Shooliz turtii Ityoophiyaatti taasiisaniin marii hoggantoo olaanoo mootummaa Ityoophiyaa waliin taasiisaniin dbalataan Gamtaa Afrikaattis daawwannaa hojii kan taasiisan ta’uu ibsameera.

Olaaf Shooliz erga gara aangootti dhufanii yeroo 2ffaaf Afrikaatti daawwannaa hojii taasiisuuf har’a gara Finfinnee dhufaniiru.

Aangoo qabatanii yeroo baatii 6 hin guunne keessatti Niijiira, Seeneegaalii fi Afrikaa Kibbaa daawwachuun isaanii kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment