Chaansilarri Jarman Angeelaa Meerkil tursa addaa galan

Finfinnee, Bitootessa 14, 2012 (FBC) – Chaansilarri Jarman Angeelaa Meerkil tursa addaa galan.

Chaansilarittiin vaayrasii koroonaatin qabamuu isaanitiini tursa adda ba’umsaa kan galfaman.

Angeelaa Meerkil tursa addaa keessatti deeggarsa yaalaa argachaa jiru.

Chaansilarittiin gara tursaa galfamuu isaanitiin dura kaleessa Dilbata koonfaransii gaggeessaniin maloota ittisa vaayrasichaa fi tarkaanfiiwwan fudhatamuu qabanirratti ibsa laataniiru.

Odu himaan isaanii Steefan Seeybart akka himanitti, Angeelaa Meerkil umriin isaanii waggaa 65 ta’eef, guyyootii itti aananittis qorannaa fi deeggarsi yaalaa ni taasifamaaf.

Hojii isaaniis mana taa’anii kan hojjetanii fi hordofan ta’a.

Jarman vaayrasii koroonaa ittisuuf nama lama caalaa ta’anii taa’uu fi socho’uu dhorkiteetti.

Maddi; BBC

Comments (0)
Add Comment