Chaad finciltoonni 400 ol hidhaa cimaa umrii guutuun akka adabaman murteessite

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015(FBC)- Chaad finciltoonni 400 ol hidhaa cimaa umrii guutuun akka adabaman murteessuu Abbaan Alangaa biyyattii beeksiseera.
 
Murtoon kun kan darbe finciltoonni kunneen ajjeechaa hogganaa duraanii biyyattii Idiriis Deebii Iitnoo bara faranjootaa 2021’tti raawwatamerratti hirmaataniiru jechuun ta’uu ibsameera.
 
Abbaan Alangaa magaalaa guddoo biyyattii Niijaamiinaa kan ta’an Mahaamaat Eel Haj Abbaa Naanaan, finciltoonni kunneen yakkoota shororkeessummaa, daa’imman waraanaaf filuuniifi hogganaa biyyattiirratti haleellaa waan raawwataniif hidhaa cimaa umrii guutuun akka adabaman murtaa’uu eeraniiru.
 
Kana malees himanni finciltoota 24 ammoo addaan cituu kaasaniiru.
 
Gareen finciltootaa teessoo isaa Liibiyaa taasifateefi Adda Jijjiiramaa jechuun of waamu bara faranjootaa 2021’tti kutaa Kaaba Chaaditti haleellaa banuun isaafi haleellicha hordofee Pireezidaantiin duraanii biyyattii Idriis Deebiin ajjeefamuun isaanii kan yaadatamudha.
 
Idriis Deebiin filannoo yeroo 6ffaaf pireezidaantii biyyattii ta’uu isaan dandeessisu erga injifataniin booda haleellaa finciltootaan ajjeeffamuu Afrikaa Niwus gabaaseera.
 
#Oromia #Ethiopia
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment