Finfinnee, Caamsaa 9, 2013 (FBC) – Ce’umsi gara diimookiraasiitti taasiifamu bu’aa bahii hedduu kan qabu carraa fi miidhaa kan hammate ta’uu Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil ibsaniiru.
Qopheessummaa ministeera Nageenyaan sagantaan baniinsaa Waltajjii marii biyyaalessaa Caamsaa 9 – 11, 2013tti turu har’a gaggeeffameera.
Jijjiirramicha hordofee ministeerichi ijaarsi sirna diimookiraasii, nageenyaa fi haqaa bu’ura cimaan akka dhaabbatu hojiilee garaagaraa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.
Waltajichaan adeemsa ce’umsa diimookiraasii Ityoophiyaa, waliigaltee biyyaalessaa fi dhimmoota filannoo marsaa 6ffaarraatti bal’inaan ni mari’atama jedhame.
Sirna saganticha eegalchiisuurratti miseensonni mana maree, Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil, abbootiin amantaa, hoggantoonni mootummaa olaanoon, ogeeyyiin miidiyaa fi hayyoonni argamaniiru.
Waltajjiiwwan gaggeeffaman kanaan dhimmoota eerramanirratti mari’achuun furmaata waloorratti hubannoon akka qabatamuu ni taasiifama jedhamee eeggama.
Fireehiyiwat Saffiiwitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.