Ce’umsa haqaarraa adda durummaan kan fayyadamu dubartoota ta’uu eerame

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC) – Filannoowwan Imaammata Ce’umsa Haqaarratti mariin gaggeeffamaa jira.

Walitti bu’iinsa keessatti miidhamtoonni dubartoota akkuma ta’an Ce’umsa haqaarraa adda durummaan kan fayyadamanis dubartoota ta’uu hojii raawwachiisaan Mana Maree Waldaalee Siiviilii Ityoophiyaa Obbo Heenok Mallaseen ibsaniiru.

Guyyaa har’aa filannoowwan Imaammata Ce’umsa Haqaarratti Waldaaleen Siiviilii,Qaamoleen miidiyaa fi dhaabbileen Diimokiraasii mari’ataa jiru.

Sarbama walitti bu’iinsaan qaqqaburratti adda durummaan miidhamtoonni dubartootaa waan ta’aniif guyyaa haqaa fiduuf tattaaffiin taasiifamu dubartootaaf hiikaa addaa qabaachuu obbo Heenok ibsaniiru.

Filannoowwan Imaammata Ce’umsa Haqaaf galteewwan walitti qabuuf hundi qooda irraa eegamu akka ba’u gaafataniiru.

Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment