Carraan sagantaa Qusadhaa Badhaafamaa Baankii Daldala Ityoophiyaa marsaa 10ffaan ba’e

Finfinnee,Gurraandhala 25, 2014 (FBC) – Carraan Sagantaa Qusadhaa Badhaafamaa Baankii daldala Ityoophiyaa marsaa 10ffaan ba’eera.
Sagantichi bakka hoggantoonni baankichaa, bulchiinsa Lootarii Biyyyaalessaa, maamiltoonni, keessummoonni waamichi taasiifamee fi miidiyaaleen argamanitti Hoteela Giyoonitti ba’eera.
Maddee 23, 2013 hanga Waxabajjii 23, 2013 maamiltoota Birrii 500 eegalee qusachaa turanii fi ulaagaa barbaadu guutaniif carraan 1ffaan Appaartaamaa 2, carraa 2ffaan Konkolaataa Awutoomoobiili 10, Carraa 3ffaan Doqdoqqaa Abbaa miila sadii 30, Carraa 4ffaan Laabtooppiwwan 30 ba’eera.
Haalamu kanaan lakkoofsi 0275600863928 fi 1188200154301 carraa 1ffaa, lakkoofsi 0356200510231, 0006800340685, 0493200499007,0365600571366, 0513700233167, 0272900802081,0553600479513, 0113400694580, 0682600207523, 0000 776553524 carraa 2ffaa, ta’uun ba’uu ragaan Fuula baankichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment