Carraan manneen waliin jireenyaa tibba darbe ba’e haqame

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Carraan manneen waliin jireenyaa 20/80 fi 40/60 tibba darbe ba’e haqamuu Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee beeksise.
Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen carraa Manneen Waliin Jireenyaa 20/80 fi 40/60 Adoolessa 1, 2014 jiraattootaaf ba’e ilaalchisee ibsa laataniin carrichi haqamuu himaniiru.
Carrichi adeemsi carraa baasuu iftoomina dhabuu isaan haqamuu eeraniiru.
Bulchiinsi magaalicha carraan manneen waliin jireenyaa tibbana ba’e waliin dhahamu ibsuun kan yaadatamuudha.
Zufaan Kaasahuuntu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment