Carraan manneen waliin jireenyaa magaalaa Finfinnee haqamee ture boru ni ba’a

Finfinnee, Sadaasa 5, 2015(FBC)- Carraan manneen waliin jireenyaa magaalaa Finfinnee haqamee ture guyyaa boruu irra deebiin kan ba’u ta’uu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Manneen waliin jireenyaa saayitiiwwan garaagaraatti argaman abbaan 40/60fi 20/80 kumni 25fi 791 guyyaa boruu kan ba’an ta’uu ifoomeera.

Manneen carraan ba’an keessaa kumni 18fi 930 abbaa 20/80 yoo ta’u, manneen kumni 6fi 843 abbaa 40/60 ta’uu eerameera.

Dhimmicha ilaalchisuun Hoggantuun Biiroo Misooma Manneenii Magaalichaa Yaasmiin Wahabiirabiifi Daayrektarri Olaanaa Korporeeshinii Misooma Manneenii Shimallis Taammiraat ibsa miidiyaaleef laataniiru.

Carraa guyyaa boruu ba’uun jiraattonni magaalichaa hanga Bitootessa 21/2014tti qusannaa gahaa qusatan kumni dhibbi 1 fi kumni 46fi 892 hammatamuu eerameera.

Carrichaan manneen waliin jireenyaa abbaa ciisicha 3 kanaan duraafi bara 2005tti ijaaraman dabarfamanii kan laataman ta’uu ibsameera.

Adeemsa carraa baasurratti rakkooleen kanaan dura mudatan irra deebiin akka hin mudanneef sirni carraa baasuu haaraan diriirfamuu hoggantoonni kunneen eeraniiru.

Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment