Carraan hojii uumuu dhimma Ityoophiyaa qofa osoo hin taane kan Afrikaanoota hundaati – Aadde Mufariyaat Kamiil

Finfinnee, Adoolessa 2 , 2015 (FBC) – Carraan hojii uumuu dhimma Ityoophiyaa qofa osoo hin taane dhimma Afrikaanoota hundaa ta’uu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiil ibsaniiru.

Fooramiin hojii Afrikaa mata duree ‘Waliigalteen naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaa carraa fi qormaata Misoomaa fi babal’ina Interpiraayizoota Ityoophiyaaf’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Fooramicharratti kan hirmaataan Aadde Mufariyaat Kamiil, Afrikaan Ardii qabeenya kuufamaa qabdu waantaateef Afrikaanoonni waloon ta’uun misoomsuu akka qaban ibsaniiru.

Yisimaaw Adaraawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment