Carraan gabaa AGOWA fi kanneen biroon cufamanis alergeen Ityoophiyaa %50 ol dabaleera jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Carraan gabaa AGOWA fi kanneen biroon cufamanis alergeen oomisha indaastirii Ityoophiyaa %50 ol dabaluu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsan.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf damee indaastiriirratti ibsa kennanin, paarkiiwwan indastirii biyyattii babal’achuu himan.
Hojiilee riifoormii damee indaastiriirratti hojjetamaniin carraan gabaa AGOWA fi kanneen biroon cufamanis alergeen oomishaa indaastirii Ityoophiyaa %50 ol dabaluu himaniiru.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, oomishaa sukkaaraa ilaalchisuun ibsa kennaniin, warshaaleen riifoormii booda eegalaman hojii eegaluu kaasanii, yeroo ammaa akka biyyaatti sukkaaraa toonii kuma 360 oomishamaa jira jedhaniiru.
Riifoormiin dura warshaaleen sukkaaraa hedduun hojimaata burjaaja’aa keessa turanis yeroo ammaa ooditii ta’aa jiraachuu kaasaniiru.
Hanqina sukkaaraaf sababni fedhii itti fayyadama sukkaaraa dabaluu fi oomishni garuu qixa fedhii jiruutiin dabaluu akka hindandeenye himaniiru.
Oomisha zayiitaarratti hanqinni bal’aan kan jiru ta’uu himanii, hanqina kana guutuuf mala aadaatiin zayiita oomishuun duraan ture deebi’uu akka qabu kaasaniiru.
Comments (0)
Add Comment