Carraan 8100 A marsaa 3ffaa ba’e

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Carraan 8100 A marsaa 3ffaa ba’e.

Waajjira Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsaatin gaggeeffamaa kan ture carraan ergaa gababaa 8100A har’a ba’eera.

Sirni carraa baasuu galma Lootorii Biyyoolessaatti kan gaggeeffame yammuu ta’u, lakkoofsi carricha injifate 17618387 ta’uudhan ba’eera.

Carraan kun konkolaataa Haayluuksii abbaa Birrii miiliyoona 2.2.

Sagantaa ergaa gabaabaa marsichaatin Hidha Haaromsaatif galii walitti qabuun Gurraandhala kan eegalame yoo ta’u, baatiiwwan dabalataa 3f kan turu ta’a.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment