Carraafi abdii, komiifi gaaffii ummata gidduutti argamu dhageenyee argineerra – Pir.Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Mudde 3, 2017 (FMC) – Gandoota Godina Baalee keessa naanna’uun daawwannaa gaggeessineen Carraafi abdii, komiifi gaaffii ummata gidduutti argamu dhageenyee argineerra jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abiisaan.

Bosonni Harannaafi Tulluu Diimtuun naatoo addaa godinichaati jedhan.

Pireezidaanti Shimallis daawwannaa Godina Baaleetti taasisaa turan ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Daawwannaa sochii misoomaa tibbanaa ittifufuun hojiilee misoomaa Godina Baalee, gaandootaa godinichaa keessa naanna’uun ilaallee jirra. Carraafi abdii, komiifi gaaffii ummata keenyaa gidduutti argamuunis dhageenyee argineerra.

Bosonni Harannaafi Tulluu Diimtuun naatoo addaa godinichaati. Jeedalli Saannateefi Biqiloonni Diinshoo Baaleef miidhagina hindulloomneedha. Haala qilleensaa gargarii baddaa Gaarreen Baaleetii amma gammoojjii diriiraatti, lageen gurguddoon akka Waabee Shabalee, Walmal, Gannaaleefi kan biroo Baaleen mandheefateera. Baalee qofaa isaatti addunyaa hedduudha.

Godinni kun gama qonnaa, turizimiifi albuudatiin lafa carraa baldhaa qabuudha. Mootummaan Jijjiiramaa kana hubachuudhan rakkoolee gama bu’uuraalee misoomaa akka daandii, anniisaa, telekoomiifi bishaan bulchuutin jiran hiikuun pooteenshaala jiru gara fayyadamummaa dinagdeetti jijjiiruf xiyyeeffannoo olaanan socho’aa jira.

Godinichi ka’umsa bishaan gurguddoo waan ta’eef misooma bishaanii gosa sadirratti hojjachaa jirra. Qonnaan bulaan sadarkaa maatitti bishaan akka qabaatu taasifamaa jira.

Pirojektoota Finnaatin hidha xixiqqaafi giddugaleesa irratti baldhinaan hojjatamaa jira. Akkasumas jallisiiwwan gurguddaa, kanneen akka Yaadotifi Walmal har’a daawwannes saffisaan sadarkaa xumuraa irratti argamu.

Qonna irrattis gama tokkoon inisheetivoota akka garbuu biiraa, boloqqee, atar-boonsituu, beeyladafi misooma buna irratti xiyyeeffannoo olaanaan socho’aa kan jirru yoota’u, gama birootin rakkoo daandii omishaalee kanniinifi sochii waliigalaa daangesse hiikuu irratti hojjachaa jirra. Pirojektiin Daandii Aspaaltii Gobba-Barbaree-Dalloo Mannaa har’a daawwannellee qaamumaa galma kanaati.

Godinni baalee maddoota turizimii sadan – seenaa, aadafi umamanillee kan badhaadhe. Misooma turizimii godinichaa gama tokkoon magaalaa roobee si’oomsufi hawwattummaa dabaluun gama birootin misoomafi hawwata tuirizimii Godina Baale Bahaatin walitti hidhuuf kan hojjennu ta’a.

Sochiin piroojektoota godinichatti ta’aa jiru kun haala baramaa mujuja gama dinagdeen jiru hundeerraa jijjiiruun, Baaleerra darbee Oromiyaafi biyya keenyaaf maaddii quufaa guddaa kan ta’uudha. Dhumarrattis caasaan godinichaa ummanni keenya jabaatee hojjatee akka argatuufi akka qusatu, akkasumas kan qusateen gara invastimantii akka cehuuf hoggansa tarsiimaawaa akka kennitan dhaamaa, simannaa ho’aa ummanni Godina Baalee nuuf taasiseef maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatin galatooman jedha.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment