Carraa hojii mijataa Paarkiiwwan indaastirii keessatti uumuurratti mari’atame

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2016 (FBC)- Paarkiiwwan indaastiriitti carraa hojii, mijataa fi amansiisaa uumaaf haala dandeessisurratti mari’atame.

Ministirri Ministeeraa Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil Koomishinara Koomishinii Invastimantii Lalisee Namee waliin waloon dhimmoota hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Marii isaaniinis paarkiiwwan indaastiriitti carraa hojii mijataa fi amansiisaa uumuuf, misooma hubannoo fedhii indaastiriiwwanii giddugaleeffate, bakkaa hojii mijataa fi hawwataa taasisuu, fayyummaa fi nageenyummaa ogummaa, aadaa hojii indastiriiwwanii, akkasumaas hariiroo hojjetaa fi hojjechiisaa gaarii uumuu fi dhimmoota walqabatan biroorratti waarinaan hojjechuuf waliigalteerraa ga’amuun ibsameera.

Hammatoon walta’iinsaa kunis damichi kan gatii hinqabne akka hintaanee ga’umsa kan qabu, humna namaa baratee fi dorgomaa ta’e horachuun, oomishaa fi omishtummaa guddisuuf haala dandeessisurratti kan fuulleffatu ta’uu Aadde Mufaariyaat gama midiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisaniiru.

Dabalataan, hanqina humna namaa indaastiriiwwan mudatu hambisuu fi paarkiiwwan indaastirii bakkaa carraa hojii mijataa fi amansiisaa uumuuf ta’uu ibsaniiru.

Koomishinar Lalisee Nameen gama isaaniin milkaa’ina galmoota biyyaalessaaf barbaachisummaa qindoominaan hojjechuu ilaalcha keessa galchuun walta’iinsaan hojjechuuf kutannoo argisiisaniif galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment