Calaqqeen Ityoophiyaa inni olaanaan tokkummaa sabdaneessaadha – Preezdaant Saahilawarq Zawdeen

Finfinnee, Sadaasa 29, 2014 (FBC) – Calaqqeen Ityoophiyaa inni olaanaan tokkummaa sabdaneessaadha jedhan Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.
Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen guyyaa sabaaf sabalammootaa 16ffaa magaalaa Tokkummaa, jaalalaa fi fakkeenya waliin jireenyaa taate Dirree Dawaatti kabajamaa jirurratti argamuun hawaasa taasiisaniiru.
Guyyaan sabaaf sablammootaa 16ffaan kanneen kanaan dura kabajamaa turanirraa adda kan taasiisu wayita duula birmadummaa biyyaa baraaruu gaggeessaa jirrutti ta’uu isaati jedhan.
Calaqqeen Ityoophiyaa inni olaanaan tokkummaa sabdaneessaa ta’uu eeraniiru.
Nageenyi akka bu’u tattaaffiin taasiifamu waa hunda dursuu qaba.
Aadaan nageenyaa akka babal’atu xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhan Preezdaant Saahilawarq.
Gareen shororkeessaa ABUT weeraraa alaa dhufe caalaa lammiilee biyya isaarratti gochaa suukanneessaa raawwateera jechuun ibsaniiru.
Diyaaspoorawwan Ityoophiyaa biyyoota alaa garaagaraa keessa jiraatan gochaa garee shororkeessitootaa fi giddu seentummaa biyyoota alaa mormuuf sochiin taasiisan kan jajjabeeffamuu fi dinqisiifatamu ta’uu eeraniiru.
Miidhaa qaqqabe deebisanii ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.
Rakkoo keenyaaf furmaata keenya barbaaduun hojii idilee ta’uu akka qabu kaasaniiru.
Biyya baraaruuf waliigalteen biyyaaleessaa, wal tumsuun, wal hubachuu fi tokkummaan murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Dhaloota jibbiinsarraa bilisa ta’ee fi jaalala biyyaa qabu horachuuf hojjechuun murteessaadha jedhan.
Qormaata keessaa fi alaan nurratti aggaamame injifachuuf tokkummaan dhaabbachuun dirqama ta’uu qaba jedhaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment