Caffeen Wixinee Labsii Bulchiinsa Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa irratti ibsa kenne

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC) – Caffeen yaa’isaa gaggeessaa jirun Wixinee Labsii Bulchiinsa Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irratti ibsa kenne jira.

Addee Mastaawoot Fayyisaa dura teessuu koree dhaabbii dhimma baajataa fi to’annoo horataalee mootummaa fi hoggantuun biiroo dhaabbilee misooma mootummaa Addee Kokoobee Wixinee Labsii Dhaabbiilee Misoomaa irratti barbaachisummaa isaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Labsichi mootummaan dameewwan diinagdee keessatti qaawwa hanqinni gabaa uumu, dandeettii raawwachiisummaa dhaabbilee misoomaa mootummaa fi dhaabbilee misoomaa gar -tokkee cimsuudhaan misooma itti fufsiisuuf, dhaabbileen misoomaa kunneen  dorgomaa, si’ataa fi bu’a qabeessa ta’aanii tarsiimoo imala badhaadhinaa galmaan gahuuf guddina diinagdee mirkaneessuu keessatti shoora murteessaa bahuu akka danda’anii fi hojimaata ammayyaa’aa dantaan mootummaa fi uummataa ittiin mirkanaa’u diriisuun barbaachisaa waan taheef bahuu ibsameera.

Miseensoonni caffee wixinee dhiyaatanirratti yaadaa fi gaaffii dhiyeessuu irratti argamu.

Yaa’iin idilee 2ffaa waggaa 1ffaa bara hojii 6ffaa Caffee Oromiyaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti taa’amaa jiru har’as itti fufeera.

Yaa’ichi olmaasaa guyyaa har’aan wixineewwan seeraa sadii fi dambii tokko ni raggaasisaan eegama.

Dabalataanis muudama gara garaa raggaasisun yaa’iisaa  ni goolaba jedhamee eegama.

Gammachiis Taarikuu, Daagmaawii Deeksisaa fi Afwarqi Alamuutu  gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment